Fana: At a Speed of Life!

Maayinaamaaritti kirkira lafaa mudateen lakkoofsi namoota du’anii kuma 1 caale

Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) – Kirkira lafaa kaleessa Maayinaamaaritti mudateen lakkoofsi namoota du’anii kuma 1 caaluu gabaafame.

Kirkira lafaa Reektar Iskeelii 7.7 galmeesse guyyaa kaleessaa biyyattiitti mudate hordofee hojiin lubbuu baraaruu itti fufuun eerameera.

Namoota lubbuun darban dabalataan namoonni hedduun miidhaa qaamaaf saaxilamuu BBCn gabaaseera.

Kirkirri lafaa Maayinaamaaritti mudate kun Taayilaandittis dhagahamuun gamoo guddaan ijaarsarra ture jiguun lubbuu namoota 6 galaafachuu mootummaan biyyattii beeksiiseera.

Teediroos Saahilaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.