Fana: At a Speed of Life!

Maayinaamaaritti Kirkira lafaa mudateen lakkoofsi namoota du’anii kuma 2 caale

Finfinnee, Bitootessa 22, 2017 (FMC) – Maayinaamaaritti Kirkira lafaa Reektar Iskeelii 7.7 mudateen lakkoofsi namoota du’anii kuma 2 caaluu gabaafame.

Hanga ammaatti namoonni kumni 2 fi 56 yoo du’an namoonni kumni 3 fi 900 ol miidhaa qaamaaf saaxilamuun eerameera.

Namoonni 270 ammoo achi buuteen isaanii hin argamne jedhame.

Taayilaandi magaalaa Baankook ittillee hoollannaa olaanaan dhagahamuu ibsameera.

Kanaanis Baankook iddoo Chaatuuchaak jedhamutti gamoon jiguun labbuu namoota 13 galaafachuun himameera.

Miidhaa Kirkira lafaa biyyoota lamaanitti mudate hordofee hojiin lubbuu baraaruu itti fufuu ABC News gabaaseera.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.