Madda walwaraansaa gogsuun, shira shirtootaa qolchuun imala badhaadhiina gara olka’iinsaatti ni ceesisna-Pir. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)-Aarsaa barbaachisu kaffaluun imalli nagaa akka waara’uuf madda walwaraansaa gogsuun, shira shirtootaa qolchuun imala badhaadhiina gara olka’iinsaatti ni ceesisna jedhan Pireezidaantiin Mootumma Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis gabaasaa raawwii baatiiwwan ja’an darbanii Caffee Oromiyaaf dhiyeessaniiru.
Gabaasa isaaniin, riifoormii kenna tajaajilaa eegalameen mootummaa gandaa ijaaruun hojiitti galamuu himan.
Keessumaa Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessa ture furuuf waliigaltee nagaa mallatteesuun boqonnaa haaraan akka saaqamu taasifameera jedhan.
Kanaanis naannichatti qilleensi nagaa bubbisuu egaluu ibsan.
Waggoottan darban qaamni hidhatee shocho’uu boora’uu nageenyaa maddaa galii taasifachuu yaadachiisanii, mootummaan gama tokkoon hojii olaantummaa seeraa kabajachiisuu hojjechaa, gamaa biraan obsaa fi bilchinaan carraawwan karaa nagaa fayyadamuun waamichaa nagaa irra deddeebiin dhiyeessa turuu himaniiru.
Mootummaan harkaa nagaaf diriirse utuu hindachaafatiin, qondaaltota Waraanaa Bilisumma Oromoof waamicha nagaa simatan waliinis waliigaltee nagaa mallatteessuun boqonnaan nagaa haaraan saaqamuu akka danda’e ibsaniiru.
Qondaaltonni Waraanaa Bilisiummaa Oromoo waamicha nagaa simataan, “dhugumatti isaan gootota yeroo hundaati” jedhaniiru.
Akka biyyattis ta’e akka sabaatti nagaa waaraa, dimookiraasii ijaaruu fi diinagdee itti fufuiinsa qabu milkeessuun barbaachisadha jedhanii, aarsaa barbachisuu kaffaluun imalli nagaa akka waara’uuf madda walwaraansaa gogsuun, shira shirtootaa qolchuun imalaa gara olka’iinsaatti kan ceessinu ta’as jedhan.
Ammallee qaama waamicha nagaa fudhatee karaa nagaan qabsa’uuf balballi nagaa banaa ta’uu dubbatan.
Haa ta’u malee qaama waamichaa nagaa fudhachuuf fedhii fi dantaa hinqabneerratti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu karaa itti fufiinsa qabuun kan hojjetamu ta’as jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia