Magaalaa Shaambuutti dhimmoota nageenyaafi misoomaarratti Dargaggoota waliin mariin gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Amajjii 14, 2017 (FMC) – Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti dhimmoota nageenyaa, misoomaa fi fayyadamummaa dargaggootaarratti mariin gaggeeffamaa jiraachuun ibsame.
Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Mirreessaa Fiixee, Dargaggoonni madda kalaqaa, misoomaa fi nageenyaa ta’uu eeruun, gahee isaanirraa eegamus akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Gammachiis Dabalaan gama isaaniin, rakkoowwan gama misoomaa, nageenyaa fi diinagdeen jiran furuufi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hirmaannaan dargaggotaa barbaachisaa ta’uu ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.