Magaalichatti namoonni gurmuun hawaasa saamuun shakkaman to’ataman
Finfinnee, Ebla 2, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti Oppireeshinii qinda’aa gaggeeffameen namoonni gurmuun hawaasa saamuun shakkaman to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.
Magaalichatti oppireeshinii qindaa’aa itti fufiinsaan gaggeeffameen namoonni dhuunfaan hawaasaa saamaa fi saamsisaa turan to’atamuu himeera.
Shakkamtoonni Moobaayil baankiingi fi Konkolaataa dabalatee karaalee adda addaan hawaasa waliin dhahaa turan to’atamuu ragaan Poolisii Federaalarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa