Magaalichatti rakkoolee nageenya hawaasarra miidha qaqqabsiisan dhabamsisuuf hojiin hojjetamu cime itti fufa-Poolisi
Finfinnee, Amajjii 28, 2017 (FMC)-Poolisiin Magaalaa Finfinnee Sababoota ka’umsa yakkaa fi rakkoolee nageenya hawaasarra miidha qaqqabsisan dhabamsisuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibseera.
Magaalichatti eeyyama daldala seera qabeessa fayyadamuun Hoteelota, Manneen Bashananaa fi Villaawwan garaagaraa keessatti gochaalee nageenya namootaa jeeqan raawwatamaa jiraachuu odeeffannoo qabaachuu himeera.
Haaluma kanaan Hoteelota ,manneen bashananaa fi manneen jireenyaa gocha kana raawwatanii argamanirratti tarkaanffiin fudhatamaa jiraachuu ibseera.
Poolisiin magaalichaa namoota dhuunfaa gocha seeraan alaa kanarratti hirmaataniis seeraaf dhiyeessaa jiraachuu ibseera.