Fana: At a Speed of Life!

Mala fayyadama dirooniirratti Miseensonni Poolisii fi Eegdonni Rippaablikaanii leenji’an eebbifaman

Finfinnee, Amajjii 30, 2017 (FMC)- Mala fayyadama dirooniirratti miseensota Poolisii fi Eegdota Rippaablikaanii leenji’aa turan Poolisiin Federaalaa eebbisiise.

Sirna eebbichaarratti Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabremikaa’eel, leenjichi qondaaltonni pooliisii dandeettii itti gaafaatama ogummaa raawwachuu isaanii kan cimsuudha jedhan.

Leenjitoonni beekumsa leenjichaan argatan kaayyoo barbaadameef oolchuu akka qaban akeekaniiru.

Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Gamtaa Emereetota Arabaa fi Poolisiin Duubaay leenjichi akka milkaa’uuf deeggarsa ogummaa fi loojistiksii taasisaniif galteeffachuu ragan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Konkolaattota ammayyaa, Dirooniiwwanii fi doqdoqqeewwan deeggarsaan argamanis saffisa hojii fi kenniinsa deebii daran kan guddisu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.