Manneen Barnootaa Barattoota qormaata Kutaa 12ffaa hin dabarsine 700 ga’oomsuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame
Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Manneen Barnootaa Barattoota qormaata biyyaalessaa Kutaa 12ffaa hin dabarsine 700 ga’oomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Hojjettonni Ministeera Barnootaa raawwii karooraa baatiiwwan saglan darbanirratti marii gaggeessaniiru.
Ministirri Ministeerichaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan, Mootummaan manneen barnootaa ga’oomsuun barnoota qulqullina qabu lammiileef dhiyeessuuf hojjechaa jira jedhan.
Sadarkaa manneen barnootaa fooyyeessuu, dandeetti Barsiisootaa guddisuu fi riifoormiwwan dameelee barnootaa garaagaraarratti eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.
Manneen Barnootaa Barattoota qormaata biyyaalessaa Kutaa 12ffaa hin dabarsine 700 ga’oomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.
Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal gamasaaniin, invastimantiin barnootaarratti gaggeeffamuu hojii guddaa ta’uu ibsuun, damichaan hojiileen hojjetamaa jiran kan jajjabeeffaman ta’uu kaasaniiru.