Fana: At a Speed of Life!

Manneen Barnootaa Ifa Boruu naannolee garaagaraatti ijaarsisuun walitti dhufeenya ummattootaa daran cimsuufi – BBO

Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa Manneen Barnootaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa naannolee garaagaraattiijaarsisuun walitti dhufeenya ummattootaa daran cimsuufi fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa ibse.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannolee biyyaatti garaagaraatti Manneen Barnootaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa ijaarsisuun tajaajilaaf oolcheera.

Hojichi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu fi tokkummaa Obbolummaa cimsuuf kan kaayyeeffate ta’uu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Baariisoon Faanaa Diijitaliif ibsaniiru.

Barnoonni meeshaa wajjiin jiraachuuti kan jedhan Dooktar Tolaan, waan qabanirra waliif qooduun wajjiin jiraachuuf bu’uura ta’uus himaniiru.

Manneen Barnootaa naannolee kannenitti ijaaraman ummataa Oromoo naannolee biyyaattii garaagaraa keessa jiraatanis kan fayyadu ta’uu dubbataniiru.

Manneen Barnootaa Ifa Boruu kunneen qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi waliin gahiinsa barnootaa akka biyyaatti hojjetamaa jiruuf gumaacha olaanaa qabaachuus eeraniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.