Manneen jireenyaa 192 jiraattotaaf dabarfaman
Finfinnee, Guraandhala 11, 2017 (FMC)- Qe’ee jireenyaa gaarummaan manneen 192 Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ijaarsise harka qalleeyyii fi kaafamtota misoomaaf dabarfamaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalattii Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasumma isaaniin akka ibsanitti, gamoowwan abbaa darbii 9, manneen 192 qabate jiraattotaaf dabarsaniiru.
Hojiilee nama irratti xiyyeefataniin haqa hawaasummaa waaressuuf hojiilee hojjatamaan jitraniin, “Qe’ee Jireenyaa Gaarummaatti” gamoowwan jireenyaaf mijatoo ta’an torba ijaaruun jiraattota magaalaattiif naannoowwan jireenyaaf mijatoo hintaanee kaafamaniif dabarsuu eeraniiru.
Qe’een jireenyaa kun mana jireenyaa qofa osoo hintaane bakka tapha daa’immanii, warshaa tolcha buddeenaa, mana rifeensaa fi hodhaa huccuu, iddoolee carraa hojii uuman kan of keessatti qabatan, kabaja lammummaa kan madaalanii fi naannoo qulqulluu fi miidhagaadha ta’uu ibsaniiru.
Magaalaan Finfinnee akkuma maqaa ishee miidhagduu fi abaaboo ta’aa kan jirtu, jiruu fi jireenya jiraattota ishee fooyyessuu dabalatee hojiin jireenya lammiilee jijjiiruun baajata mootummaa qofaan akka hinmilkoofne nuuf galee “kennuun hinhir’isu” jechuun, abbootii qabeenyaa yaadae qajeelaa waliin hojjachuun jireenya hedduuwwanii jijjiiruu himaniiru.
Manneen har’a dabarfaman ijaaruuf deeggarsa kan taasisan hooggantoota fi hojjattoota Garee Investimantii Meedirook galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia