Fana: At a Speed of Life!

Manneen Maree Ummataa cimsuun, diimokiraasii dagaagsuun bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba – Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan

Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) –Manneen Maree Ummataa cimsuun, diimokiraasii dagaagsuun bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan ibsan.

Manneen Maree Aanaaleefi Magaalota Oromiyaa, akkasumas Manneen Maree Gandootaa sadarkaa Godinaatti hojii isaaniin fakkeenyummaa qaban waliin raawwiin hojii bara kanaa hanga kurmaana 3ffaa gamaaggamameera

Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran cimsuun, diimokiraasii dagaagsuun bulchiinsa gaarii mirkaneessuu fi bu’uura ijaarsa mootummaa cimaa milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu aadde Sa’aadaan himaniiru.

Manneen Maree qaama ummatatti dhiyaatanii jiraniifi ummata bakka bu’anii hojjetan waan ta’eef, hariiroo mootummaafi ummata gidduu jiru caalmaan dagaagsuu keessatti qoodni qaban olaanaa ta’uu eeraniiru.

Gamaaggamni guyyoota lamaan darban taasifame Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa qofa osoo hin taane, sadarkaa gandaatti gadi bu’uun Manneen Maree Gandaa cimsuun muuxannoo argatanii ergama bakka bu’ummaa Heeraafi Ummataan isaanitti kenname qajeelloon akka bahataniif hiree kan kennu akka ta’ee ibsaniiru.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.