Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa labsiiwwan garaagaraa raggaasise
Finfinnee, Ebla 9, 2017(FMC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Walga’ii idilee 25ffaa bara hojii 4ffaa gaggeesseen labsiiwwan garaagaraa raggaasiseera.
Manni marichaa wixinee labsii labsii miidiyaalee fooyyessuuf dhiyaate kan raggaasise yoo ta’u, wixinee labsii kana ilaalchisee Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Diimookiraasii Iwunatuu Allaneen gabaasaafi yaada murtoo dhiyeessaniiru.
Manni marichaas wixinee labsii dhiyaaterratti mari’achuun labsii lakkoofsa 1374/2017 taasisuun sagalee mormii 1 fi sagalee caalmaan raggaasiseera.
Itti aansuun manni marichaa labsii hundeeffama Mana Maree Olaanaa Yaa’awwanii Raawwii Bulchiinsa Qabeenya Bishaanii Qindaa’aa dhiyaaterratti mari’achuun, labsii lakkoofsa 1375/2017 taasisuun sagalee caalmaan raggaasisuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.