Manni Maree ce’umsa Qonna Oromiyaa dhimmoota gooroo ce’umsa qonnaa adda baasuu irratti shoora olaanaa taphateera – Pireezidaantii Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) –Manni Maree ce’umsa Qonna Oromiyaa dhimmoota gooroo ce’umsa qonnaa adda baasuu irratti shoora olaanaa taphachuu Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Waltajjii Mana Maree Ce’uumsa Qonnaa Oromiyaa marsaa 3ffaa har’a gaggeeffameen hanqinootafi ciminoota muldhatan qorachuun, kallattii gara fuulduraa kaa’uun goolabamuu Pireezidaanti Shimallis eeraniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Manni Marichaa, dhimmoota gooroo ce’uumsa qonnaa adda baasuu irratti shoora olaanaa taphateera. Kunis, ka’uumsiifi jalqabbiin imala Mana Marichaa, akka gaarii ture kan hubachiisu.
Gama kaaniin, xiyyeeffannoon sadarkaa Manneen Maree Kilaastarootaatti ture, bittinnaa’uufi manniiwwan kaa’aman haala qabatamaa “agro-ecology”fi gandootatti madaqfamuu dhabuun, dhawaata adeemsa harkifataa keessa akka galamu taasisuu argineerra.
Manni Maree Ce’uumsa Qonnaa Oromiyaa, jalqaba irratti faan-dhawa qajeelcha cehumsa qonnaa (agricultural transformation roadmap)’fi inisheetivoota fakkeenya ta’an qopheessee dhiyeessun isaa sirrii ture. Haata’uutii, dhawaata, adeemsa raawwii isaanii maloota saayinsaawadhaan deeggaruutti ce’uu dhabuu, akka dadhabbinaatti fudhanneerra. Keessumaa, Manneen Maree Kilaastarootaa, riqicha Qorannoofi Qotee/Horsiisee Bultootaa ta’uutti ce’uu osoo qaban, harkifachuu isaanii akka dadhabbinaatti fudhachuun, ariitiin gahee kana bahachuutti seenuu akka qaban ilaalleerra.
Yaadota gamaaggamaa waltajjii kanarraa ka’uun, kallattii fuulleffannaa keenyerra. Bu’uuruma kanaan gama tokkoon tarkaanfiilee adeemsa inisheetivoota turanii cimsan, gama kaaniin, gosoota inisheetivii haaraa hojiitti galuu qaban keenyerra. Haaluma kanaan:
Tokkoffaa, “agro-ecology” irratti hundaa’uun, inisheetivoota haala qabatamaa gandaa giddugaleeffateen raawwachiisuu; lammaffaa, ekisteenshinii qonnaa beekumsaafi ogummaa “agro-ecology” akkasumas omisha giddugaleessa taasise qopheessuun, ogeeyyii qonnaa, hoggansa gandaafi horsiisee/qotee bultoota qabsiisuu; sadaffaa, inisheetivii ‘indastirii godoo kurfeessa omishaalee qonnaa’ hojiitti galchuun sona omishaalee qonnaa dabaluu akkasumas sirna omishaa keenyaa fooyyessuu; afraffaa, hojiin galteewwan qonnaa, mekaanaayizeeshiniifi kkf irratti raawwatamu, oomishtummaa guddisuu dhimma ijoo akka taasisu, kunis omishtummaa idil-adduunyaa jiruun akka madaalamu; shanaffaa, bu’uuraalee, leecalloofi hojimaata barbaachisoo guutuun sirna daldalaa keenya faddaaltota harkaa baasuun murteesummaa cancala gabaa qabatamaa mirkaneessuu; jahaffaa, inisheetivii cimmisa bishaanii (water harvasting); torbaffaa inisheetivii misooma jirbii; saddeettaffaa, inisheetivii misooma aappilii; saglaffaa inisheetivii misooma mikideemiyaafi kurnaffaa inisheetivii horsiisa booyyee bocuun hojiitti galchuudha.
Walumagalatti, Manni Maree Ce’uumsa Qonnaa Oromiyaa, iddoo oomtuu hinturretti, humna jalqabbii ta’ee jijjiirama agarsiisuu isaatiif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata guddaa dhiyeessaf. Haata’u malee, raawwiilee turan, hedduu guddisee kan muldhise, lafti ka’uumsa keenyaa dirree ta’uu hubatamuu qaba. Galma ce’uumsa qonnaa qabame milkeessuuf, imala tabba qonnaa keenya reefu jalqabuu beeknee, ergama qormaata qabuuf qophii akka taanu yaadachiisuun barbaada. Kanaafis, haala dandeessisoo Gurmaa’insi Mootummaa Gandaa gama hundaan nuuf ume duguugnee fayyadamuu akka qabnu cimsee hubachiisun barbaada.
#Oromia #Ethiopia