Manni Maree Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamuu eegale
Finfinnee, Guraandhala 30, 2017 (FMC) – Manni Maree Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa guyyaa har’aa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamuu eegaleera.
Waltajjii kanarratti Ministira Qindeessaa Damee Ijaarsa Aadaa Diimookiraasii Paartii Badhaadhinaa Obbo Mallas Alamuufi Pireezidaantii Damee Dargaggootaa Akililuu Taaddasaa dabalatee miseensonni mana marichaa argamuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia