Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree magaalichaa baajata dabalataa Birrii biiliyoona 11 ol raggaasise

Finfinnee, Ebla 22, 2017 (FMC)- Manni Maree Magaalaa Finfinnee baajata dabalataa Birrii biiliyoona 11fi  miiliyoona 500 fi miiliyoona 56 fi kuma 900 fi kuma 99 sagalee guutuun raggaasiseera.

Manni marichaa hojiilee misoomaa magaalichatti hojjetamaa jiran deeggaruuf baajata dabalataa kan raggaasise yoo ta’u, baajanni kun baasii idileefi kaappitaalaaf oola jedhameera.

Bulchiinsi magaalichaa jalqaba bara baajataa kanatti baajata Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 30 ol raggaasisuun hojiilee hojjechaa turuun yaadachiifameera.

Manni marichaa muudama garaagaraa raggaasisuun walga’ii isaa kan xumure yoo ta’u, aadde Qonjiit Dabalaa Woolaa-Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Hawaasummaa akkasumas obbo Awaleehi Mahaammad Oomaar- Hogganaa Biiroo Innooveeshiniifi Misooma Teeknooloojii magaalichaa ta’uun muudamaniiru.

Dabalataanis Aadde Ayishaa Mahaammad Adan- Komishinara Komishinii Invastimantii magaalichaa, Injinar Hiywoot Saamu’eel Tsaggaayee-Daayrektara Olaantuu Abbaa Taayitaa Eeyyamaafi To’annoo Ijaarsaa magaalichaa, akkasumas Soofiyaa Alamuu Koree Dhaabbii Dhimmoota Dubartootaa, Daa’immaniifi Darggaggootaa ta’uun muudamuu ibsameera.

Miikiyaas Alamuutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.