Manni Maree Ministirootaa Walga’ii Idilee 42ffaa geggeesseen murtoowwan dabarse
Finfinnee, Guraandhala 10, 2017 (FMC)- Manni Maree Ministirootaa Walga’ii Idilee 42ffaa geggeesseen murtoo garaagaraa dabarseera.
Manni marichaa walga’ii isaa kanaan Wixinee labsii Hoggansa Soda Balaa Itiyoophiyaarratti mar’ateera.
Labsichi dhaabbatichatti sirna riifoormii hojiirra oolchuuf aadaa walgargaaruu ummataa Itiyoophiyaa kan cimsu gargaaramtummaa humna biyyaa keessaan waarinaan ba’achuu giddugaleeffachuun lammiilee miidhaa balaaf saaxilaman qajeeltoo deeggarsa namoomaan, sagantaalee misoomaa waaraa fi nageenyaa mirkaneessuu waliin qindeessuun, miidhaa hamilee hawaasummaa fi diinagdee hir’isuuf kan gargaaru ta’uun ibsameera.
Dhimmicharratti manni marichaa erga bal’inaan mari’ateen booda gabbisuun gara Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataatti akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera.
Dabalataan manni marichaa wixinee dambii hundeeffamaa dhaabilee sadii irratti mari’ateera.
Dambi hundeeffama Yuunivarsiitii Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaarratti kan mari’ate yoo ya’u, yuunivarsiitichi kaayyoo hundeeffameef milkeessuuf, sirreeffama gurmaa’iinsaa fi jijjirama hojmaataa taasisuuf ta’uun ibsameera.
Kana malees, wixinee dambii hundeeffama Garee Hospitaalaa Rifeeraalaa Ispeeshaalaayizdii Raayyaa Ittisaa fi Giddugala Diyaaginoostikii Raayyaa Ittisaa Biyyaa irratti mari’ateera.
Dambichis fedhii sadarkaa tajaajila wal’aansaa biyyattii, diyaaginoostikii fi tajaajiloota walqabatan biroo guutuuf, akkasumas, tajaajila wal’aasaa fooyya’aa argachuuf dhibamtoota gara biyya alaa imalan biyya keessatti tajaajilicha akka argatan taasisuuf ta’uun ibsameera.
Dabalataan, dambii hundeeffama garee Indaastirii Injiinariingii Raayyaa Ittisaa, hojiilee dhaabbatichaa fi itti gaafatama raggaasisuun guddina biyyaaf gahee isaa akka bahatu taasisuuf hammatoo seeraa ta’uun kan tajaajiluudha jedhameera.
Manni marichaas wixinee dambichaarratti bal’inaan erga mari’ateen booda yaadaan gabbisuun Guyyaa Gaazexaa Nagaarit irratti maxxanfamee ba’ee eegalee akka hojiirra oolu sagalee guutuun raggaasiseera.
#Oromia #Ethiopia