Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoo Afaar walga’ii idilee 7ffaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Guraandhala 5, 2017 (FMC)- Manni Maree Naannoo Afaar walga’ii idilee 7ffaa bara hojii 6ffaa, waggaa 4ffaa, magaalaa Samaraatti gaggeessuu eegaleera.

Afyaa’iin Mana Maree Naannichaa Aadde Ashiyaa Kamaal, manni marichaa hojiilee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan raawwachuu danda’uu dubbataniiru.

Raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii Pireezidaantii naannichaa Obbo Awwal Arbaan dhiyaatu gamaaggamuun murteewwan garaagaraa ni dabarsan kan eegamu ta’uun ibsameera.

Labsii fi muudama adda addaa akka raggaasisus TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.