Ibsa Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaarraa kenname
Finfinnee, Eebila 1, 2017(FMC)- Manni Maree Nageenyaa Biyyalessaa guyyaa har’aa dhimmoota biyyaalessaa, naannawaafi idil-addunyaa gamaaggamuun ibsa kenneera.
Itiyoophiyaa baroottaniif cabiinsi siyaasaa, diinagdee, hawaasummaafi dippiloomasii mudatee akka turu kan yaadachiise manni marichaa, cabiinsa kanneen suphuun imala gara badhaadhinaatti taasistu saffisiisaa jiraachuu kaaseera.
Riifoormiiwwan hanga ammaatti eegalaman milkaa’aa jiraachuun, bu’aa inisheetiiviiwwan hojiirra oolan argamsiisaa jiran, dhageettiin waltajjiiwwan idil addunyaarratti qabdu dabalaa dhufuun, akkasumas tattaaffiin faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuuf taasistu bu’aa galmeessisaa jiraachuun kanaaf ragaa ta’uun eerameera.
Deeggarsi faayinaasifi diinagdee mariiwwan dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa fi deeggartootaa waliin taasifamuun argaman milkaa’ina riifoormiiwwan siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaaf qooda olaanaa bahachaa jiraachuu ibsameera.
Jijjiiramoonni gaggaariin dameewwan misoomaafi siyaasaan dhufaa jiran nageenyi biyyaa akka cimuuf shoora kan bahatan ta’uufi halli nageenyaa biyyaalessaa yeroodhaa gara yerootti fooyya’aa akka dhufe himameera.
Jijjiirama diinagdeefi siyaasaa dabalataan sababoonni haalli nageenyaa akka fooyya’u taasisan jiraachuu kan eere manni marichaa, uummanni miidhaafi badii waraanaafi walitti bu’iinsaa hubachuun qaamolee walitti bu’iinsa uuman deeggaruu dhiisuun kutannoon agarsiisa kan jaqlqabaa ta’uu ibseera.
Ejjennoo cimaafi sochii mootummaan furmaata karaa nagaaf taasise sadarkaa 2ffaarratti kan eeramu ta’uu ibsuun, kaayyoo badii qaamolee tokko tokkoo irraa kan ka’e uummanni Tigraay nageenya hanga barbaadu argachuu baatus, waraanni naannichatti ture karaa nagaan akka furamuuf tattaaffii mootummaan taasise uummanni aara galfii akka argatu dandeessisuu himameera.
Waliigalteen nageenyichaa tajaajiloonni mootummaa akka eegalaman, hojiileen hawaasummaafi diinagdee akka hojjetaman, bu’uuraaleen misoomaa akka suphaman taasisuuf eerameera.
Naannolee Oromiyaafi Amaaraattis hojii mootummaan seera kabachiisuufi karaalee nageenyaa jajjabeessuuf hojjeteen bu’aa hedduun galmaa’uu kan ibse manni marichaa, qaamoleen hidhatanii socho’an daandii nagaa filachuun nagaan galuu, uummanni abbaa nageenyaa ta’uun nageenya naannawaa isaa kabachiisuu eegaluu, gurmaa’iinsi nageenyaa naannolee cimuu, sochiileen diinagdee akkaataa karoorfameen hojiirra ooluu eegaluu, daddabarsi shaqaxaaleefi namootaas sadarkaa fooyya’aarra gahuu ibsameera.
Manni marichaa halli nageenyaa bakkeewwan biyyattii biroo daran jabaachaa jiraachuu gamaaggamuu kaaseera.
Gama biraan, haala yeroo naannawaa Gaanfa Afrikaa, imala siyaasaafi diinagdee addunyaa akkasumas sadarkaa badhaadhinaa biyyattii irraan gahuuf barbaadamuun dhimmoonni xiyyeeffannoo barbaadan akka jiran ibsameera.
Inni jalqabaa qaamolee tooftaa boodatti hafaan fedhii isaanii humnaan raawwachuu barbaadan kan ilaallatu ta’uu kan ibse manni marichaa, qaamoleen kunneen bifti isaanii gargara haa ta’u malee bakkeewwan garaagaraafi alatti kanneen argaman ta’uu eereera.
Qaamoleen kunneen naannawaan isaanii warreen kaanirra kan caaluufi akka waan miidhameetti kan ilaalan, marii kan hin barbaanne ta’uufi dabni, saamichi, namoota ukkaamsuun, gara jabinni, daldallli seeraan alaafi fedhii isaanii humnaan raawwachuun eenyummaa isaanii akka ta’e manni marichaa ibseera.
Yeroo tokko tokko qaamoleen kunneen badiin kaayyoo waloo isaanii waan ta’eef, qindoominaan badii balleessuuf yaalii kan taasisan ta’uu fi paartii seera qabeessa gochoota seeraan alaaf kan fayyadaman, namoota siyaasaa mufatoo itti gaafatamummaarraa ka’an fayyadamuun sochii siyaasaa seeraan alaa akka gaggeessan, rakkoolee bulchiinsa gaarii dhaabbilee amantaa keessa jiru gochaa jeequmsaaf itti dhimmi bahuuf kan hojjetan ta’uu kaaseera.
Qaamoleen lammataa, bakkeewwan garaagaraa taa’uun diinota Itiyoophiyaa biyya keessaafi alaa waliin waltumsuun, hojiilee mootummaa danquun, hiraara uummataa dabaluuniifi oduuwwan sobaa warreen daddabarsan ta’uu manni marichaa ibseera.
Qaamoleen kunneen iddoowwan hawaasummaa, manneen amantaa, manneen hojiifi bakkeewwan daldalaatti kaayyoo badii isaanii galmaan gahuuf kan yaalan akka ta’e, shaqaxaalee kan dhoksan, hanqina dhiyeessii kan uuman, yaa’iinsa sharafa alaa kan daangessan, kontiroobaandii kan gaggeessan, karaa seeraan alaa namootaafi meeshaalee akka daddabarsan, malaanmaltummaafi hojimaata badaan uummanni akka mufatuuf ta’e jedhanii kan hojjetan ta’uu manni marichaa eereera.
Qaamoleen sadaffaan, warreen prooppogaandaa sobaa hogganan ta’uu kan ibse manni marichaa, miidiyaa idileefi hawaasummaa fayyadamuun nageenya uummataa warreen jeeqan ta’uu himeera.
Dirree waraanaatti wayita injifataman, mootummaa hiriiraafi jeequmsaan kufu wayita dhaban filannoo isaanii xumuraa fayyadamaa akka jiran kaaseera.
Seenaa sobaa uumuun oduu jeequmsaa kan ho’isaniifi oduu jeequmsaa kan uuman ta’uu eeruun, hojii dhaabbileen siyaasaa, bu;lchiinsaafi nageenyaa uummata waliin qindoominaan hojjetaniin kaayyoon humnoota badii akka galma hin geenye, dandeettiifi hawwiin isaanii karaatti akka hafu taasisuun danda’amuu manni marichaa ibseera.
Haala nageenyaa biyyaalessaa kanneen dabalataan haalonni idil-addunyaafi naannawaas Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaan gadi fageenyaan ilaalamuu eerameera.
Haalli diinagdee addunyaa, muddamoonni uumamaa jiran, sochiileen jeequmsaa, sararoota daldalaa addunyaa jeeqamaa jiran, biyyoota diigamaafi dadhabaa jiran, haleellaawwan saayibarii heddummachaa jiran tumsoota buleeyyii idil-addunyaa adda citaa jiran, hariiroo haaraa idil-addunyaa uumamaa jiran, dhiibbaa isaan biyyattiirraan gahuu danda’an irratti mariin gadi fageenyaa taasifamuu manni marichaa kaaseera.
Kallattiiwwan Kaa’amanis:-
Nageenyiifi tasgabbiin haalota siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa waliin kan walitti hidhaman ta’uu kan ibse manni marichaa, bilchinni siyaasaa, guddinni diinagdeefi tasgabbiin hawaasummaa haalota nageenyaafi tasgabbii biyya tokkoo ni fooyyeessu jedhe.
Gama Kanaan gara boqonnaa riifoormiiwwan Itiyoophiyaatti eegalaman cimsuutti cehuun barbaachisaa ta’uu kaasuun, oomishtummaa jajjabeessuu, riifoormii siiviil sarvisii yeroofi sadarkaa abameefitti hojiirra oolchuu, dargaggootaaf hojii uumuufi bobbaasuu, daddabarsa namootaafi shaqaxaalee daran si’eessuun naga qabeessa taasisuu, kontiroobaandiifi daldala seeraan alaa to’achuu, nageenya bu’uuraalee misoomaa uummataafi qaamolee nageenyaan mirkaneessuu, inisheetiiviiwwan eegalaman tooftaa uumuuniifi saffisiisuun bu’aa qabeessa taasisuu, hojiilee misooma bonaafi gannaa karooraafi hoggansa sirriin bu’aaf qaqqabsiisuu, tajaajiloota barnootaafi fayyaa bakkeewwan kamittuu akka adda hin cinne taasisuufi warreen adda citanis akka itti fufan gochuu, kanaaf ammoo qaamoleen dhimmi ilaallatu qindoominaan waloon karoorsuun bu’aa barbaadamu akka fidaniif kallattiin kaa’amuu manni marichaa ibseera.
Sochiin rakkoolee bakkeewwan garaagaraatti karaa nagaan marii siyaasaan hiikuuf eegalame bu’aa argamsiisaa jiraachuu kan kaase manni marichaa, hojii kana daran bu’aa qabeessa taasisuuf karaalee aadaa dabalatee daandiiwwan nageenyaa hunda fayyadamuun barbaachisaa ta’uu ibseera.
Qaamolee daandii nagaa filachuun dhufaniif kunuunsa barbaachisaa taasisuufi leenjii fudhachuun gara uummataatti akka makamaniif hojjechuun barbaachisaa akka ta’es eereera.
Gama biraan, warreen daandii nagaa cufuun fedhii isaanii humnaan raawwachuuf socho’an irratti hojiin seera kabachiisuu eegalame cimee itti fufuun barbaachisaadha jedheera manni marichaa.
Humnoonni baandaa diinota Itiyoophiyaarraa ergama fudhachuun rakkoo uumuuf socho’an dandeettiifi fudhatamummaan isaanii guyyaadhaa gara guyyaatti dadhabaa dhufuu eeruun, maddi maallaqaafi humna namaa isaanii gogaa jiraachuu kaasuun, haa ta’u malee hanga badanitti hojiin seera kabachiisuu, filmaatawwan nagaa fayyadamuufi uummata daddammaqsuu hojjetamuu akka qabu hubachiiseera.
Kallattiin kana kan Kanaan duraarra hojjechiisuu dandeessisu mana marichaan kaa’amuu kan ibsame yoo ta’u, kanaafis qaamoleen hoggantootaa federaalaafi naannolee karoora qabame ariitiin hojiitti hiikuun akka danda’amuuf kallattiin taa’uu ibsameera.
Gurmaa’iinsota adda bahan keessa dhokachuun warreen jeequmsa kakaasan, hojii mootummaa danqaniifi uummata mufachiisan, qaamolee miidiyaalee garaagaraa fayyadamuun odeeffannoo sobaa tamsaasan odeeffannoofi ragaarratti hundaa’uun adda baasuuf hojii hojjetame manni marichaa dinqisiifateera.
Ammas taanaan qaamolee kanneen beekuu, seeraaf dhiyeessuufi qulqulleessuuf hojii kan barbaadu ta’uu eeruun, hojiin qaamolee seeraan, nageenyaafi kanneen biroon eegalame cimee itti fufuu akka qabu manni marichaa murteesseera.
Qaamolee biyya keessaafi alaa dhimmi isaa ilaallatu waliin mari’achuun hojiin qaamolee kanneen seeratti dhiyeessuuf eegalame itti fufuu akka qaban hubachiisuun, odeeffannoowwan sobaa isaanii uummanni akka beekuuf hojiin hojjetamu tooftaa dabalataan hojjetamuu qaba jedheera.
Kana malees karaa seerota biyyattiin hojii seera kabachiisuu barbaachisaa hojjechuuf qaamni dhimmi isaa ilaallatu hundi karoorsuuniifi qindoominaan akka hojjetaniif kallattiin kaa’amuu manni marichaa ifoomseera.
Yakkootaafi daba diinagdee qindaa’an fashaleessuuf, darbees warreen yakka kana raawwatan seeraaf dhiyeessuun gochaa yeroo isaa eeggate ta’uu kan ibse manni marichaa, hojimaatilee seeraa daddabarsa namootaa, shaqaxaalee fi meeshaalee seeraan alaa ittisan diriirsuun barbaachisaa ta’uu eereera.
Dhaabbileen maallaqaa, diinagdeefi bulchiinsaa qaamolee nageenyaa waliin qindoomuun tarkaanfii bulchiinsaafi seeraa barbaachisaa ta’e akka fudhataniif kallattiin kaa’amuu kaaseera.
Bu’aaleen dippiloomaasii dhageettii Itiyoophiyaa guddisan dabalaa dhufuu kan ibse manni marichaa, hojii kana daran cimsuun faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti kabachiisuun barbaachisaadha jedhe.
Keessumaa Itiyoophiyaan mirga ulaa galaanaa argachuu kabachiisuuf karaalee dippiloomaasii, seeraafi nagaa bu’uureffachuun hojiin eegalame cimee akka itti fufu kallattiin taa’uu ibse.
Haalli naannawaa Gaanfa Afrikaa akka tasgabbaa’uuf, hariiroo diinagdeefi hawaasummaa uummattootaaf akka mijatuuf, muddamoonni akka tsgabbaa’aniifi rakkooleen karaa nagaan akka hiikamaniif ejjennoo Itiyoophiyaan qabatte nageenyaafi guddina waaraaf barbaachisaa ta’uufi naannawichatti gahee barbaachisaa bahachuuf kallattiin dandeessisu taa’uu manni marichaa eereera.