Fana: At a Speed of Life!

Manni maree waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa yaa’ii waliigalaa geggeessaa jira

Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Manni maree waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa yaa’ii waliigalaa geggeessaa jiraachuun ibsame.
Yaa’icharratti haasawaa baniinsaa kan taasisan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Damee siyaasaa obbo Namarraa Buliin, karaa sirrii qabannee jirru irratti karaa daballee biyya jabduu ijaaruuf hojjechuu qabna jedhan.
Manni Maree waloo Paartilee morkattoottaa ijaarsa sirna dimokiraatawaa biyyaa fi Naannoo saffisiisuuf dantaa sabaa eegsisuu fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf hojjechaa jiraachuun eerameera..
Sabaa fi sablammoota gidduutti tokkummaan, nageenyi waaraa fi misoomni itti fufinsa qabu akka jiraatuuf xiiqiin hojjechuun barbaachisaa ta’uu himuun, ammas daandiin keenya dheeraa waan ta’eef gaaffii uummanni gama diinagdee, siyaasaa, hawaasummaan qabu hundeerraa deebisuuf carraaqqii taasisaa jirruuf ga’een paartilee morkattootaas guddaadha jedhan.
Dhaloota egeree biyya waan hundaan badhaate dhaalchisuuf waloon hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, mana maree waloo cimsuu, tokkummaa cimsuu fi paartilee morkattootaa gidduu walitti bu’iinsi yoo uumame maree fi marabbaan furuuf hojjechuun murteessaa ta’uu obbo Namarraan dubbataniiru.
Walitti Qabaan Mana Maree paartiilee Siyaasaa fedeeraalaa obbo Salamoon Ayyalaan gama isaaniin, Paartiileen siyaasaa bu’uura diimokiraasii biyyattii ta’uu himanii, nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Paartiilee siyaasaa Itiyoophiyaa, rakkoolee siyaasaa fi kanneen biroo mariin akka hiikaman xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himuun, fuuldaraattis cimanii kan hojjetu ta’uu ibsuu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.