Manni marichaa mirga himatamuu dhabuu miseensa tokkoo kaase
Finfinnee, Bitootessa 6, 2017 (FMC) – Manni Maree Beenishaanguul Gumuz mirga himatamuu dhabuu miseensa tokkoo kaaseera.
Manni marichaa yaa’ii ariifachiisaa har’a gaggeesseen mirga himatamuu dhabuu Miseensa Mana marichaa Obbo Yohaannis Tasammaa jedhamuu kaasuu eerameera.
Miseensi mana marichaa kun walitti bu’iinsa kakaasuu, odeeffannoowwan kabaja mana marichaa gadi buusaan dabalatee dhimmoota miseensa tokkorraa hin eegamne miidiyaalee hawaasummaa isaan tamsaasuu himameera.
Miseensi Mana Maree kun dhimma shakkamaniin seeraan akka gaafataman yaada murtoo dhiyaate fudhachuun Mirgii himatamuu dhabuu isaanii akka ka’u sagalee guutuun raggaasisuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia