Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtii Waliigala Oromiyaa Manneen Harka qalleeyyiif ijaarsise dabarse kenne

Finfinnee, Guraandhala 13, 2017 (FMC)- Manni Murtii Waliigala Oromiyaa hojii tajaajila lammummaan manneen harka qalleeyyiif baasii birrii miiliyoona 3.8 ijaarsise dabarse kenneera.

Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Obbo Gazaalii Abbaasimal Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadar manneen harka qalleeyyiif tajaajila lammummaan ijaaraman dabarsanii kennaniiru.

Hojiin tajaajila lammummaa rakkoo hawaasa harka qalleeyyii furuun cinaatti, hawaasni aadaa walgargaarsaa ganamaa qabutti akka deebi’uuf kan gargaaru ta’uu Obbo Gazaaliin eeraniiru.

Manni Murtii Waliigala Oromiyaa fuuldurattis hojii tajaajila lammummaan hojiiwwan rakkoolee hawaasaa furan itti fufiinsaan kan hojjetu ta’uus himaniiru.

Nageessoo Kadiiritu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.