Fana: At a Speed of Life!

Mariin Finfinneen tumsa magaalota Faransaay waliin qabdu cimsuuf dandeessisu gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 10, 2017 (FMC) – Mariin Magaalaan Finfinnee magaalota Faransaay garaagaraa waliin michummaa qabdu caalmaatti cimsuuf dandeessisu gaggeeffameera.

Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Faransaay haaraa ta’uun kan muudaman Aleeksiis Laameeyik waliin marii hariiroo waloo cimsan taasisaniiru.

Tumsi biyyoota lamaanii qajeeltoo fayyadamummaa waloorratti kan hundaa’e ta’uu Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf Ambaasaaddar Aleeksiis Laameeyik waliin mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Dhimmoota michummaa magaalota Faransaay garaagaraa waliin qabnu caalmaatti cimsuuf dandeessisanirratti xiyyeeffachuun mari’anneera jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.