Fana: At a Speed of Life!

Mariin Fooramii jiloota addaa adeemsa nageenya Sudaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 9, 2017(FMC) – Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Marii Fooramii jiloota addaa adeemsa nageenyaa Sudaan Finfinneetti gaggeessaa jira.

Barreessaa Olaanaan dhaabbatichaa Dooktar Warqinaa Gabayyoo, bakka buu’oonni addaa kunneen qindoominaa fi tumsa adeemsa nageenyaa Sudaan Kibbaaf qaban cimsuu qabu jedhan.

Fooramichi tattaaffiiwwan Sudaanitti nageenya mirkaneessuuf taasifaman akka qindaa’aniifi walsimaniif kan hojjetu ta’uun eerameera.

Walitti bu’iinsa Sudaan furuuf adeemsa, tooftaa waloo fi ifaa ta’e uumuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsamuu TOI gabaaseera.

IGAD lammiileen Sudaan adeemsa nageenyaa kana abbummaan akka gaggeessaniif murannoon kan hojjetu ta’uus mirkaneesseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.