Fana: At a Speed of Life!

Mariin oomisha al ergii Itiyoophiyaan gara Chaayinaatti ergitu guddisuurratti xiyyeeffate gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 9, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen Jila Pireezidaantii Wiirtuu Qorannoo Misoomaa Mana Maree Mootummaa Chaayinaa Luu Ha’ooniin durfamu waliin mari’ataniiru.
Dhimoota waloo daldalaa fi diinagdeen walqabatan irratti bal’inaan mari’anneerra jedhan Dooktar Kaasahuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo daldalaa cimaa kan qaban ta’us gahee alergii Itiyoophiyaan gabaa Chaayinaa keessatti qabdu guddisuu fi fuulduratti dameewwan xiyyeeffannoo barbaadan addaan baafnee marii bu’a qabeessa ta’e taasifneerra jedhan.
Wiirtuu Qulqullinaa Daawwachuun kutannoo Itiyoophiyaan qulqullinaaf qabdus mirkaneessuu himaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.