Mariin Paanaalii sirna Walharkaa Fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa Haroomsa Boodaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Amajjii 16, 2017 (FMC) –Mariin Paanaalii sirna Walharkaa Fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa Haroomsa Boodaa Marsaa 72ffaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Walharka fuudhiinsa Baallii Gadaa Booranaa Haroomsa booda ,marsaa 72ffaa sababeeffachuun mariin paanaalii Finfinnee Hoteela Iskaayilaayititti gaggeeffamaa jira.
Maricharratti Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamilaa Simbirruu, Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Shaawit Shaankaa, Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdullaaziiz Daawud, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Gaammewwanii fi qooda fudhattoonni biroon hirmaachaa jiru jedhame.
Baalliin Gadaa Booranaa erga Abbaan Gadaa Gadaayyoo Galgaloo deebisee haaromseen booda marsaa 72ffaaf qophiin taasifamaa jiraachuun himameera.
Sirni walharkaa fuudhinsaa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaan Godina Booranaa Bahaa Aanaa Areeroo Ardaa Jilaa Badhaasaatti Guraandhala 26 -30, 2017tti kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.
Sirni wal harka fuudhiinsaa kun, Fadaa Fullaasa irra gara Mardiidaatti kn cee’uu ta’uun ibsameera.
Kululaa Garbichaa fi Dinqaa Baacaatu gabaase.