Fana: At a Speed of Life!

Mariiwwan gaggeeffaman bu’uureffachuun badhaadhina waloo milkeessuuf ni hojjenna-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 8, 2017 (FMC)- Guyyaan jalqabaa Yaa’ii 38ffaa Gamtaa Afrikaa irratti dureewwan biyyoota garaagaraa waliin dhimmoota ijoo naannawaa, ardii fi misoomaarratti mari’achuun guyyaa milkaa’aa akka ture Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii Gamtaa Afrikaa gaggeeffamaa jiruun cinaatti, Pireezidaantii Ikkuuwaatooriyaal Giinii Obiyaangi Nugeemiyaa Embaasoongo, Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaa fi Pireezidaantii Bootiswaanaa Duumaa Bookoo waliin daandiilee walta’iinsaa cimsan irratti kutannoo jiru mirkaneessuu himan.

Pireezidaantii Ruwaandaa Pool Kaagaamee fi kan Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhuu waliinis guddina Afrikaa saffisiisuuf tattaffii waloo cimsuuf mari’achuu ibsaniiru.

Pireezidaantota Biyyoota Afrikaa malees Daayrektara Olaanaa Giloobal fandi Piitar Saandiis fi Hoji Raawwachiistuu Dhaabbata Gavii Vaaksiin Aliyaansi Saaniyaa Niishtaar waliin hojiilee damee fayyaa cimsan irratti mari’achuu kasaniiru.

Pireezidaantii Baankii Misooma Afrikaa Akiinwimii Adesiinaa fi Pireezidaantii Fandii Misooma Qonnaa Idil Addunyaa Alvaaroo Lariyoo waliin dhimmootaa damee qonnaan cimsan irratti mari’achuu dubbataniiru.

Damee daldalaanis Aliikoo Daangootee fi Toniyoo Elumeelu waliin seektarri dhuunfaa guddina afrikaa dursuuf gahee qaburratti mari’achuu ibsnaiiru.

Mariiwwan geggeffaman kanneen bu’uureffachuun badhaahdina waloo milkeessuuf kan hojjetan ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#AU #Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.