Masaraa Mootii Kumsaa Morodaa haaromsuu fi deebisanii misoomsuuf waliigalteen mallattaa’e
Finfinnee, Ebla 20, 2017 (FMC) – Abbaan Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa Masaraa Mootii Kumsaa Morodaa haaromsuu fi deebisee misoomsuuf dhaabbata Ijaarsaa ‘BYMT’ jedhamu waliin waliigaltee mallatteesseera.
Abbaan Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa masaricha Haaromsuu fi deebisee misoomsuuf dhaabbata ijaarsaa ‘’BYMT’’ jedhamu waliin waliigaltee mallatteesseera.
Daayrekerri olaanaan Abbaa Taayitichaa Ababaawu Ayyaalawu sirna waliigaltichaa irratti akka ibsanitti, Masaraan seenaa dheeraa qabu kun barootaaf utuu hin suphamin, damee turizimiifis tajaajila osoo hin kenniin tureera.
Hambaan kun iddoowwan ga’umsa tuurizimii ta’anii filataman keessaa tokko yoo ta’u, akkaataa qabiyyee seenaa isaa eeggateen of-eeggannoon akka haaromuu ibsaniiru.
Waggaa lama keessattis haala qulqullina isaa eeggeen haaromsuun biyyaaf galii fiduu akka qabus hubachiisaniiru.
Hoji gaggeessaa olaanaan dhaabbata ijaarsaa ‘BYMT’ obbo Bazzaabbihi Mallas gama isaaniin hojicha bifa sadarkaa eeggateen yeroo kaa’ame keessatti xumuranii kennuuf waadaa galuu isaanii ragaan Abbaa Taaytichaa irraa argame ni mul’isa.
Akka ragaaleen mul’isanitti, Mootichi Kumsaa Morodaa Bakaree bara 1881 hanga 1916tti Bulchiinsa waliigalaa Wallaggaa bulchaa turaniiru.
#Oromia #Ethiopia