Fana: At a Speed of Life!

Masoob Tajaajilli Jiddugala tokkoo komii kenna tajaajilarratti ka’an kan furuudha-Afyaa’ii Taaggasee Caafoo

Finfinnee, Ebla 20, 2017(FMC) – Masoob Tajaajilli Jiddugala tokkoo komiiwwan ummataa kenna tajaajilarratti ka’an kan furu ta’uu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasee Caafoon ibsan.
Hoggantonni mana marichaa Sochii hojii Giddugalichaa daawwataniiru.
Daawwanichaan Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Dhimmoota Kaabinee Aadde Alamtsahaay Phaawuloosii fi qondaaltonni olaanoon biro kenniinsa tajaajilaa giddugalicharratti ibsa kennaniiru.
Afyaa’ii Taaggaseen wayita kanatti komiiwwanii fi gaaffiiwwan ummataa ,tajaajila dhaabbileerraa kennamuu fi rakkoon bulchiinsa gaarii isa tokko ta’uu dubbatan.
Tajaajilonni mootummaan kennaman saffisaa, bu’aa qabeessa, baasii qusataa fi deddeebii ummataa kan hir’isuu ta’uu qabas jedhan.
Tajaajilli giddugalichaa ammayyaa’aa, malaammaltummaa fi hojimaata badaa kan hambisuu fi rakkoo komiiwwan ummataa kenna tajaajilarratti ka’an kan furu ta’uu ibsuu ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.