Fana: At a Speed of Life!

Meeksiikoon Itiyoophiyaa waliin ce’umsa teeknooloojiirratti tumsaan kan hojjettu ta’uu ibsite

Finfinnee, Ebla 2, 2017 (FMC) – Meeksiikoon qonna ammayyeessuufi ce’umsa teeknooloojiirratti Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri biyyattii Aliihaandiroo Istiivil ibsan.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen, Ambaasaaddar Aliihaandiroo Istiivil waliin haala biyyoonni lameen damee qonnaarratti tumsaan hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Dooktar Girmaa Amanteen, Itiyoophiyaan yeroo ammaa qamadii bonee bal’inaan oomishaa jiraachuu ibsaniiru.

Fedhii mekaanaayizeeshinii qonnaan bulaa guutuuf abbootiin qabeenyaa Meeksiikoo Itiyoophiyaatti bobba’uun oomishaalee qindeessuun akkasumas qonna ammayyeessuun deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Deeggarsa Meeksiikoon gama giddugala fooyyessa boqqolloofi qamadiin taasistu cimsitee akka itti fuftus gaafataniiru.

Ambaasaaddar Aliihaandiroo Istiivil gamasaaniin, tattaaffii Itiyoophiyaan damee qonnaa guddisuun nyaataan of danda’uuf taasistu dinqisiifataniiru.

Meeksiikoon muuxannoo qonna ammayyeessuuniifi ce’umsa teeknooloojiin qabdu Itiyoophiyaaf qooduuf qophii ta’uus eeraniiru.

Biyyoonni lameen hojiilee damee qonnaa tumsaan hojjetan irratti yeroo dhiyootti waliigaltee akka waliif mallatteessan ibsamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.