Meeshaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Guraandhala 26, 2017 (FMC) – Meeshaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Meeshaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf xiyyeeffannoo kennuun galmi biyyaalessaa keenya akka milkaa’uuf hojiiwwan eegalaman cimanii itti fufuu qabu jedhan.
Sochiin indaastirii oomishaa fi invastimantii naannoo Amaaraa dadammaqiinsa guddaa agarsiisaa jiraachuu ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.
Daawwannaa naannichatti taasisaniin, adeemsa hojii indaastirii sibiilaa Amaaraa fi Misooma Intarpiraayizii Maashin Teeknooloojii daawwachuu ibsaniiru.
Intarpiraayizichi hojii sibiila baqsuu, oomisha maashinarii, oomisha pooliiwwanii, tiraanisfoormarii fi meeshaalee qonnaa walitti suphuun hojiilee misoomaa naannichaaf gahee olaanaa bahachaa jiraachuun eeraniiru.
Keessumaa oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun gabaaf dhiyeessuun sharafa alaa hambisuurra darbee hojiileen misoomaa hanqina galteen akka hin danqamneef deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.
#Oromia #Ethiopia