Meeshaaleen kontirobaandii Birrii Miiliyoona 500 fi miiliyoona 75 olitti tilmaamaman to’ataman
Finfinnee, Sadaasa 28, 2017 (FMC) – Meeshaaleen kontirobaandii Birrii Miiliyoona 500 fi miiliyoona 75 olitti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksiseera.
Komishinichi hordoffii Sadaasa 20-26,2017tti taasiseen,meeshaalee kontiroonaandii alaa galan Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 28.3 fi meeshaalee alergii Birrii miiliyoona 47 olitti tilmaamaman waliigalaa Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 75 oliti tilmaamamu dameelee Gumrukaa garaagaraarratti to’achuu ibseera.
Meeshaaleen to’atamaniis, Uffaanaalee, Meeshaalee Elektirooniksii, Meeshaalee ijaarsaa, Buna, Jimaa, Baala Sammuu Hadoochuu, Meeshaalee jijjiraa Konkolaataa,meeshaalee bareedinaa, Qorichaalee, Albuudoota garaagaraa,Konkoolaattootaa fi Maallaqoota biyyoota garaagaraa ta’uun ibsameera.
Meeshaaleen kunneen Shakkamtoota17 fi Konkolaattoota 5 waliin to’atamuu ragaan Komishinichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia