Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 900 fi miiliyoona 39 baasan to’ataman

Finfinnee, Guraandhala 29, 2017 (FMC) –Guraandhala 21- 27, 2017tti Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 900 fi miiliyoona 39 baasan to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksiseera.

Meeshaaleen kunneen dameewwan Gumrukaa adda addaatti to’amuu himeera.

Albuudonni, Uffataaleen, Meeshaaleen Elektirooniksii, Bunni, Midhaan dheedhii, Jimaan, Qaamni jijjiirraa Konkolaattootaa, Baalli Sammuu Hadoochuu, qorichaalee dabalatee maallaqoonni biyyoota adda addaa kanneen to’ataman keessaa isaan muraasa ta’uun eerameera.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.