Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 39’tti tilmaamaman to’ataman
Finfinnee, Bitootessa 6, 2017 (FMC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 39’tti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumruukaa Itiyoophiyaa beeksise.
Komishinichi hordoffii Guraandhala 27- Bitootessa 4, 2017’tti taasiseen meeshaalee kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 81 olitti shallagamaniifi meeshaalee al-ergii Birrii miiliyoona 57.7’tti tilmaamaman dameelee garaagaraatti to’achuu eereera.
Meeshaaleen to’atamanis albuudota garaagaraa, uffannaalee, meeshaalee elektirooniksii, buna, midhaan dheedhii, jijjiirraa qaama konkolaataa, meeshaalee miidhaginaa, jimaa, baala sammuu namaa hadoochu, qorichaalee, beelladootaafi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia