Miidiyaaleen dhimmoota tokkummaa fi sabdaneessummaa diigan tamsaasurraa of qusachuu qabu – Dooktar Tasfaayee Baljigee
Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) – Miidiyaaleen dhimmoota tokkummaa fi sabdaneessummaa diigan tamsaasurraa of qusachuu akka qaban Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Waamamaa Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen ibsan.
Dooktar Tasfaayee Baljigeen diraamaa sobaa tibban Burtukaan Tamasgeen fayyadamuun tamsa’aa ture ilaalchisee ibsa kennaniin, shirri Burtukaan fayyadamuun darbe karoora humnoota badii walitti bu’iinsa uumuuf socho’aa turanii ta’uu himaniiru.
Humnoonni kunneen diraamaa sobaan walitti bu’iinsa kakaasuuf yaaluu isaanii eeraniiru.
Diraamaa sobaan miira ummataa tuquun ummatarraa deeggarsa argachuuf yaadanii socha’aa turuu kaasaniiru.
Yaa ta’uutii gamnummaa fi ogummaa ummataan shirri isaanii fashalaa’uu danda’eera jedhan.
Mootummaan Gareen ilaalcha siyaasaa qabu kamiyyuu karaa nagaan akka dorgomuuf karra banaa taasisuu ibsaniiru.
Naannolee hunda keessa rakkoon jiraatus rakkoolee jiran karaa nagaan hiikuun fedhii ummataa akka ta’e dubbataniiru.
Miidiyaaleen siyaasa walballeessuurra of qusachuun biyyaa fi dhalootaaf dursa kennuu qabuu jedhan.
Dhimmoota tokkummaa fi sabdaneessummaa diigan tamsaasurraa of qusachuu akka qabanis hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia