Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’ina hojii misooma kooriidariif kaafamtoonni misoomaa tumsaniiru- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Ebla 22, 2017 (FMC)- Milkaa’ina hojii misooma kooriidaraafi deebisanii misoomsuuf kaafamtoonni misoomaa tumsa cimaa taasisuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Manni Maree Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 3ffaa bara hojii 4ffaa gaggeessaa jira.

Aadde Adaanech gabaasa walga’icharratti dhiyeessaniin, misooma kooriidariifi deebisanii misoomsuu dabalatee hojiilee hedduun hojjetamuu kaasaniiru.

Misoomni kooriidarii magaalicha bu’uurarraa haaromsaa jiraachuu eeranii, misooma kooriidariin daandii konkolaataa qofa osoo hin taane jiraattonni magaalichaa konkolaataa hin qabne haala salphaan fayyadamuu kan danda’an daandii lafoos babal’ifneerra jedhan.

Daandiiwwan biskileettotaa babal’achaa waan jiraniif fayyadamtoonni biskileetiis dabalaa dhufuu eeraniiru.

Hojii misooma kooriidariifi deebisanii misoomsuun deeggarsiifi tumsi uummataa kan itti mirkanaa’e ta’uus ibsaniiru.

Hojiin misooma kooriidarii miidhagina magaalichaa dabaluufi jireenyaaf mijeessuurra darbee carraa hojii kan uume ta’uus himaniiru.

Kibrawasan Nuuruutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.