Milkaa’ina maree biyyaalessaaf qooda fudhattoonni hundi gahee isaanii bahuu qabu – Dooktar Tasfaayee Baljigee
Finfinnee, Guraandhala 10, 2017 (FMC) – Milkaa’ina maree biyyaalessaaf lammiileen Itiyoophiyaa hundi gahee irraa eegamu bahuu akka qaban Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Waamaamaa Olaanaan Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen ibsan.
Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa yeroo itti aanu hojii ummataa bakka bu’aanii raawwachuuf dandeessisanirratti marii taasisaniiru.
Mootummaan nageenya amansiisaa fi waaraa fiduuf hojii hojjetaa jiru hawaasni tumsuun qaama furmaataa ta’uu akka qaban kaasaniiru.
Mareen Biyyaalessaa Godaannisa turan hambisuun furmaata waaraa fiduuf kan gargaaru ta’uu eeruun, carraa gaarii kanatti fayyadamuu fi milkeessuuf lammiileen hundi gumaacha irraa eegamu gochuu akka qaban dubbataniiru.
Mootummaan lammiileef carraa hojii uumuu, qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu fi oomishaa fi oomishtummaa guddisuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa