Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi xaa’oon yeroon geejjibsiifamee xumuramuu akka qabu hubachiise

Finfinnee, Guraandhala 21, 2017 (FMC) – Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii waqtiin Gannaa osoo hin seeniin xaa’oon gara biyya keessaatti geejjibsiifamuun qonnaan bulaaf raabsamuu akka qabu hubachiiseera.

Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen, hoggantoota dhaabbilee damee Loojistiksii Itiyoophiyaa Jibuutiitti argaman waliin hojiiwwan loojistiksiirratti mari’ataniiru.

Mariisaaniin, hojii koreen oppireeshinii xaa’oo Jibuutiitti Embaasii Itiyoophiyaan hogganamu hojjechaa jiru dinqisiifataniiru.

Korichi qindoominaan hojjechuu isaatiin guyyaa tokkotti xaa’oo meetirik toonii kumni 18 ol gara biyyaa seenuu danda’uu eeruun, hojiileen loojistiksii cimanii itti fufuu akka qabanis dhaamaniiru.

Rakkoolee gama kooriidarii Itiyoo- Jibuutiin mul’ataniif deebii hatattamaa kennuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuusaanii ragaan Embaasii Itiyoophiyaa Jibuutii jiru irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.