Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Barnootaa dhimmi Birtukaan Tamasgeen ilaalchisee ibsa kenne

Finfinnee, Bitootessa 19, 2017( FMC)- Ministeerri Barnootaa dhimmi Birtukaan Tamasgeen Kabbadaa  ilaalchisee ibsa kenneera.

Hariiroo Birtukaan Tamasgeen Kabbadaa dhaabbilee barnoota olaanoo waliin qabdurratti ibsa kennuun barbaachisaa ta’uu ibseera.

Birtukaan bara 2012 barattuu kutaa 12ffaa kan turte ta’us yericha qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa sababa weerara Kooroonaa Vaayirasii Guraandhala 29 hanga Bitootessa 2/2013’tti akka kennamu taasifamuu yaadachiiseera.

Birtukaanis wayita kana naannoo Amaaraa Godina Goojjaam Bahaa Aanaa Mooxxaa mana barumsaa Sadarkaa 2ffaafi Qophaa’inaa Mooxxaatti qormaaticha fudhachuun qabxii 392 fiduun bara barnootaa 2013 Yuunivarsiitii Haramaayaatti ramadamuu ibseera.

Haa ta’u malee gara Yuunivarsiitii ramadamteetti akka hin adeemneefi hin galmoofne, gara magaalaa Hawaasaatti imaluun sagantaa barnootaa Eeksteenshiniin Yuunivarsiitii Hawaasaatti digirii jalqabaan kutaa barnootaa ‘Akkaawuntiingiifi Faayinaansii’tti galmooftee barnoota ishee hordofaa akka turteefi barnoota ishees osoo hin xumuriin addaan kutuu ragaan yuunivarsiiticharraa argame akka mul’isu eereera.

Faallaa kanaa sagantaan televizhiinii EBS’n darbe Birtukaan Yuunivarsiitii Haramayaatti ramadamtee gara Haramaayaatti imalaa osoo jirtuu Awutoobisii keessatti barattuu biroo Yuunivarsiitii Dambii Doollootti ramadamte waliin mari’achuun imala gara Yuunivarsiitii Haramaayaatti taasisaa turte haquun gara Yuuniivarsiitii Dambii Doolloo deemee galmaa’eera jechuun ishee dhugaarraa kan fagaateefi hojimaataan ala ta’uu akkasumas gara Yuunivarsiitii kan hin deemneefi galmees kan hin taasifne ta’uu ragaan yuunivarsiiticharraa argame akka ibsu eereera.

Galmeen barattoota haaraa kamiyyuu kan gaggeeffamu Ministeera Barnootaan qofa ta’uufi sadarkaa yuuniivarsiitiitti kan hin eeyyamamne ta’uu beeksiseera.

Haa ta’uutii:-

  1. Odeeffannoon miidiyaalee hawaasummaan tatamsaa’aa jiran dhugaa dhababilee barnootaa olaanoo bira jruun ala ta’uu himeera.
  2. odeeffannoo sobaa kanneen bu’uura godhachuun Yuuniversiitiwwan tokko tokko keessatti yaaliin adeemsa baruu fi barsiisuu gufachiisuu taasiifamuu ibseera.

Dhaabbileen barnootaa olaanoon hojiilee qorannoo fi qo’annoo akkasumas tajaajila hawaasummaa kan hojjetan,dhaabbilee dhugaa fi haqaan, qorannoo fi qo’annoon durfaman dhaabbilee idil addunyaa ta’uu ibseera.

  1. EBS akkuma miidiyaalee biroo dhimmicha osoo hin tamsaasiin dura dhimmicha qulqulleeffachuu osoo qabuu kallattiin qilleensarra oolchuun ummata dogogorsiisuu qofa osoo hin taane Yuuniversiitiwwan maqaa baleessuun miidhaa guddaa qaqqabsiisuu isaan itti gaafatamummaa fudhachuu akka qabu hubachiiseera.

Haa ta’uutiin odeeffannoo sobaan qindeeffamuun dhaabbileen hojii baruu fi barsiisuu, hojii qorannoo fi qo’annoo gaggeessan gufachiisaan kamiiyyuu fudhatama kan hin qabne  ta’uu hubachiiseera.

Shirri itti yaadamee raawwatamuu fi qaamolee gochi keessatti hirmaatanirratti tarkaanfiin bulchiinsaa, darbees miidhaa qabeenyaaa fi namarra qaqqabuuf tarkaanfiin seeraan kan fudhatu ta’uu ministeerichi beeksisera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.