Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Dhimma Alaa Hawaasa Dippiloomaasii Finfinneetti argamaniif sagantaa Afxiraa qopheesse

Finfinnee, Bitootessa 17, 2017(FMC) –Ministeerri Dhimma Alaa Sooma Ramadaanaa sababeeffachuun Hawaasa Dippiloomaasii Finfinneetti argamaniif sagantaa Afxiraa qopheesseera.

Sagantichi Hooteela Iskaay Laayiitiitti gaggeeffameera.

Ministira Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos, Ministir Deetaa ministeerichaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, Dura Taa’aa fi Itti Aanaa Komishinii Gamtaa Afrikaa, Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Hajii Sheek Ibraahiim Tufaa, hawaasni Dippoomaasii fi keessummoonni waamichi godhameef saganticharratti hirmaachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.