Ministiroonni 3 miseensoota paartii Badhaadhinaa ala ministirummaan muudaman
Finfinnee, Fulbaana 26, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Paartii Badhaadhinaa ala ministiroota sadi kaadhimamummaan dhiyeessaniru.
Haaluma kanaan manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii addaa 1ffaa waggaa 1ffaa bara hojii 6ffaa gaggeesseen muudama dhiyaate raggaasiseera.
Obbo Qajeelaa Mardaasaa Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii (ABO)
Proofeesar Birihaanuu Naggaa Ministira Ministeera Barnootaa (Izeemaa)
Obbo Ballaxaa Mollaa Ministira Ministeera Innooveeshinii fi Teeknoolojii (AWUA) irraa muudamaniru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.