Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota Afrika garaagaraa Finfinnee gala jiru
Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC)- Walga’ii idilee 46ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiistuu Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota Afrikaa garaagaraa Finfinnee gala jiru.
Haaluma kanaan Ministira Dhimma Alaa Gaambiyaa Dooktar Maamaadoo Taangaaraa, Ministira Dhimma Alaa Seneegaal Yaasinee Falii fi kanneen biroon Finfinnee galaniiru.
Ministiroonni kunneen wayitaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’anitti Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Burtukaan Ayyaanoon simatamaniiru.
#Oromia #Ethiopia