Ministirri Alaa Kuubaa daawwannaa hojiif Finfinnee galan
Finfinnee, Bitootessa 3, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Kuubaa Biruunoo Eedwaardoo Roodiriigeez Paariilaan daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.
Ministirichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan hoggantoota olaanoo Ministeera Dhimma Alaa FDRIn simatamaniiru.
Biruunoo Eedwaardoo Roodiriigeez Paariilaan turtii isaanii Finfinneen Hoggantoota Olaanaa Mootummaa garaagaraa waliin marii waloon ni mari’atuun kan eegamu ta’uu Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia