Ministirri Dhimma Alaa Aljeeriyaa Finfinnee galan
Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Aljeeriyaa Ahimad Attaaf Walga’ii Mana Maree Hoji Raawwachiiftoota Gamtaa Afrikaa 46ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Walga’ii Idileen Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaan Guraandhala 5 -6, 2017tti gaggeeffama.
Minsitirri Alaa Aljeeriyaa Ahimad Attaafis walga’ii kanarratti hirmaachuuf har’a magaalaa Finfinnee galaniiru.
Ahimad Attaaf wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Daayrektarri Jeneraalaa Dhimmoota Pirootookoolii Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Aziizaa Galataan simatamuu TOI gabaaseera.