Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Inarjii, Albuudaafi Humna Haaromfamaa Aljeeriyaa Finfinnee galan

Finfinnee, Bitootessa 15, 2017(FMC)-  Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Ministirri Ministeera Inarjii, Albuudaafi Humna Haaromfamaa Aljeeriyaa Mahaammad Arkaab  Finfinnee galaniiru.

Mahaammad Arkaab  wayita Buufata Xiyyaaraa Idil- Addunyaa Boolee gahan Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon simataniiru.

Turtii isaaniin, haala biyyoonni lameen tumsa dameewwan inarjii, albuudafi humna haaromfamaan qaban cimsuu danda’anirratti hoggantoota garaagaraa waliin ni mari’atuun kan eegamu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.