Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Veetinaam daawwataa jiru
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Veetinaam Hanooyitti daawwannaa hojii taasisaa jiru.
Warshaa oomisha madda Anniisaa Aduu Veetinaam daawwataniiru.
Dhaabbatichi Yeroo dhiyootti Paarkii Indaastirii Hawaasaatti hojii kan eegalu ta’uu ibsameera.
Dooktar Abiy dhaabbatichi oomisha anniisaa caalaa warshaa anniisaa akka ijaaru jajjabeessaniiru.
Kunis imaammata anniisaa magariisaa Itiyoophiyaan eegalte waliin haala waldubbiseen gaaffii anniisaaf deebii kennuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii P4G Veetinaam 2025 irratti ni hirmaatu jedhame.
#Oromia #Ethiopia