Ministirri Muummeen Leesettoo Finfinnee dhufan
Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FMC) – Ministirri Muummeen Leesottoo Saamu’eel Maatiiqaaniin Yaa’ii Idilee 38ffaa Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Saamu’eel Maatiiqaaniin wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministira Ministeera Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriisiin simatamaniiru.
Yaa’ii Idilee 38ffaan Hoggantoota Gamtaa Afrikaa Guraandhala 8 – 9, 2017tti Finfinneetti taa’ama.
#Oromia #Ityoophiyaa