Miseensonni Mana Maree BBU Ministira Muummeef gaaffii dhiyeessaa jiru
Finfinnee, Bitootessa 10, 2017(FMC) – Manni Maree Bakkabu’oota Uummataa Ministira Muumeef gaaffilee adda addaa dhiyeessaa jiru
Gaaffilee kanneen keessaa:
- Rakkoolee siyaasaa karaa nagaan furuuf hojiin hojjetamaa jiru maal fakkaata?
- Hojiin lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an deebisanii ijaaruu sadarkaa maalirra jira?
- Haalli siyaasaa naannoo Tigraay yeroo ammaa gaaga’ama dabalataa akka hin fidne maaltu hojjetamaa jira?
- Rakkoolee bulchiinsa gaarii mul’atan bu’uuraarraa furuuf yeroo itti aanu maaltu karoorfame?
- Rakkoolee nageenyaa waaraan furuuf maaltu hojjetamaa jira, qaamolee hidhannoon socho’an waliin rakkoolee jiran mariin furuuf wanti hojjetamaa jiru maal?
- Rakkoolee dhiyeessi galteewwan damee Maanufaakcheriingii mudataa jiran furuuf maaltu yaadame?
- Dhaabbileen mootummaa karoora Tarsiimowaatiin hogganamaa jiruu?
- Boba’aan karaa sirriin tajaajilamaa bira akka qaqqabu maaltu hojjetamaa jira?
- Daldaltoota seeraan alaa qaala’iinsa gatii uumanirratti tarkaanfiin fudhatame jiraa?
- Nageenya uummataa mirkaneessuuf murannoon jiru hangam? Haala naannoo Tigraay yeroo ammaaf mootummaan Federaalaa maaliif furmaata itti hin kenniine?
- Bu’uuraalee misoomaa karaa haqa qabeessa ta’een waliingahuuf maaltu hojjetamaa jira?
- Tattaaffiin karra Galaanaa argachuuf taasiifamaa jiru sadarkaa maalirra jira? Hojiilee Dippiloomaasii hojjetamaa jiru ilaalchisee ibsi nuuf yaa kennamu?
- Lammiileen Manneen jireenyaa waliinii (Koondoominiyeemii) galmaa’anii eeggataa jiran abdii maalii qabu?