Miseensoota WBO daandii nagaa filatanii galaniif sirni galateeffannaa fi beekamtii kennuu gaggeeffame
Finfinnee, Amajjii 14, 2017 (FMC) – Miseensoota Waraana Bilisummaa Oromoo daandii nagaa filatanii galaniif sirni galateeffannaa fi beekamtii kennuu gaggeeffameera.
Garaagarummaa siyaasaa karaa nagaatiin hiikuun nageenya uummataa waaressuuf waliigaltee Mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasifameen miseensoonni WBO hedduun karaa nagaatiin galuudhaan leenjii haaromsaa fudhachaa turaniiru.
Miseensoota WBO waamicha uummataa owwaatanii qabsoo daandii nagaatti deebi’an kanneen dhimmoota biyyaalessaa fi mata dureewwan garaa garaa irratti hubannoo akka gabbifatan taasisuun ibsameera.
Miseensoota WBO nagaa ummataatiif dursa kennuun qabsoo hidhannoo irraa deebi’uun leenjii fudhachaa jiran kanneeniif sirni galateeffannaa fi beekamtii Abbootii Gadaatiin taasifameera.
Daandii nagaa filachuun agarsiiftuu injifannoo waan ta’eef murtee sirrii fudhataniif galata guddaa qabaachuu Abbootiin Gadaa ibsaniiru.
Ajajaa olaanaan Waraana Bilisummaa Oromoo Sanyii Nagaasaan leenjitoonni beekumsaa fi hubannoo leenjii kanaan argatan galaa taasifatanii gochaa qabatamaadhaan mirkaneessuuf caalmaatti akka of qopheessan dhaamuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.