Fana: At a Speed of Life!

Misooma bunaa Itiyoophiyaaf liqiin yeroo dheeraa Yuuro miliyoonni 10 eeyyamame

Finfinnee, Bitootessa 9,2017(FMC) – Mootummaan xaaliyaanii fuuncaa sonaa misooma bunaa Itiyoophiyaa garggaaruuf liqii yeroo dheeraa yuuroo Miliyoona 10 eeyyamuun ibsame.

Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa fi Mootummaa Xaaliyaanii waliin ta’uun oomishtoota bunaa, dhiyessitootaa fi qaamolee fuuncaa sonaa damichaa irratti hirmaatan deggeruuf liqii gargaaru ifoomseera.

Kanaanis Mootummaan xaaliyaanii damichaaf liqii Yuuroo Miliyoona 10 akka eeyyamee fi Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa ammo liqii argame bulchuuf ittigaafatamummaa isaa ba’uu akka qabu ibsameera.

Ministirri Ministeera Qonnaa Doktar Girmaa Amantee Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu bunaa Biliyoonaan lakkaa’amu dhaabuun oomishtummaa guddisuu fi jijjiirama qilleensaa to’achuuf ga’ee olaanaa bahachaa akka jirtu ibsaniiru.

Fuuncaa sonaa oomisha bunaa Itiyoophiyaa keessatti maatiiwwan miliyoona shan caalan hirmaachaa akka jiran ibsanii, hanqinnii faayinaansii damicha akka qoraa jiru kaasaniiru.

Tajaajilli liqii yeroo dheeraa Motummaan Xaaliyaanii eeyyame kunis oomishtummaa damichaa guddisuuf ga’ee guddaa akka qabu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Daarikteerri Ejensii Walta’iinsa Misoomaa Xaaliyaanii Maaykil Mooraanaa, fedhiin Moootummaan xaal;iyaanii fuuncaa sonaa misooma bunaa itiyoohiyaa deggeruuf argisiise kutannoo misooma waloo biyyoota lamaanii kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.

Misoomni bunaa Itiyoophiyaa dinagdee irra darbee mallattoo biyyaalessaa ta’uu eeranii, mootummaan xaaliyaanii fuuncaa sonaa damichaa guddisuuf kutannoo akka qabu hubachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.