Misoomni Koriidarii miidhagina dhokataa magaalaa Jimmaa ifatti baase – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Amajjii 17, 2017 (FMC) – Misoomni Koriidarii miidhagina dhokataa magaalaa Jimmaa ifatti baasuu Ministirr Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Itiyoophiyaan biyya qabeenya uumamaan badhaateedha jedhan Dooktar Abiy daawwannaa Magaalaa Jimmaatti taasisaa turan ilaalchisee ibsa kennaniin.
Yoo irratti hojjetame naannawaan Itiyoophiyaa hundi qabeenyawwan dinqiifataman hedduu qabaachuu himaniiru.
Yeroo ammaa qabeenya uumamaa Jimmaa hubachuun hojiin hojjetame waan ajaa’ibaa ta’uu eeruun, kunis bu’aa kalaqa hojii, namuusaa fi deeggarsa jiraattoota magaalichaan argameedha jedhan.
Jiraattoonni magaalaa Jimmaa misoomicha fudhachuun tumsi taasisaan kan dinqisiifamu ta’uus eeraniiru.
Kanaafis galata guddaa qabu jedhan.
Yaada qabna, tattaaffii hojjechuu qabna, jajjabina qabna, kan nu hordofu yoo jiraate, yoo ida’amnee fi walitti qindoomne miidhagina Magaalaa Jimmaatti argarre bakka biroottis arguu dandeenya jechuun ibsaniiru.
Jimmaan miidhagduu, seenaa qabeettii fi magaalaa jaalalaa turte, amma barri gaariin dhufeefira, yeroo fi haalli mijateefii miidhaginni dhokate ifatti akka bahu ta’eera jedhan.